Central Oromo (Selale Oromo)
Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesuus Kiristoos Isa Qulqullu Maarqoos Caafe 1
1 sagaleen kun calqaba wangeela yesuus kiristoos ilma waaqayyooti. 2 kitaabni ‘’ilaa ergamaa koo isa karaa siif tottolichu sidura nan erga hin jedha.kitaaba qulqulluu Isaayyaas raajichaa keessatti immoo, 3 sagaleen lafa onaa keessaa hin iyya; dhaga’aa dhaggeeffadhaa gooftichaaf karaa tottolchaatii haraa,karaa inni irra deemuus tottolchaa! Kan jedhu barreeffamee jira 4 Yohaannis cuuphaan lafa onaa keessatti argamee,cuuphamaa yaada garaa jijjiirraachuu keessan mul’isaa! “Waaqayyo immoo cubbuu keessan isiniif dhiisa” jedhee labse. 5 guutumman naannoo biyya yihudaa keessaa ganda yerusaalem keessa kan jiraatanis hundinuu bakka Yohaannis cuuphaan jirutti dhaqanii cubbuu isaanii himachaa laga yoordaanositti harka isaatiin Cuuphamaa turan 6 Yohaannisis uffata rifeensa gaalaa irra hojjatame uffatee mudhii isaas teephaan hidhatee awwaannisaa fi damma lafa onaa nyaachaa jiraate. 7 inni ana irra jaabaatu ana duubaan dhufaa jira.ani gadi jedhee hidhaa kophee isaa hiikudhaaf ani nama ta’u miti. 8 ani bishaaninan isin cuuphe inni garuu afuura qulqulluudhaan isin cuupha”” jedhee labse. 9 bara sanatti Yesuus, magaalaa Naazireetii gara galiilaa dhufee,Yohaannis yoordaanositti isa cuuphe. 10 Yohaannis akuma Yesuus bishaanicha keessaa baheen bantiiwwan waaqaa banamuu isaanii arge,afuurri qulqulluunis akka gugeetti isa irra bu’uu isaa arge. 11 sagaleen immoo ,”ati ilma koo isa jaalatamaadha gammachuun koos siin hin raawwatama” jedhee waaqarra dubbatame. 12 Hafuurri qulqulluun achumaan lafa onaatti geese. 13 Yesuus lafa onaa keessa guyyaa afurtama bubbule, seexanaanis qoramaa ture. Achittis bineensota gidduu ture,ergamoonni waaqayyoos isaaf ergamaa turan. 14 Yohaannis cuuphaan mana hidhaatti dabarfamee erga kennamee booddee,Yesuus gara biyya galiilaa dhufee wangeela waaqayyoo labse. 15 barichi xumurameera,mootommaan waaqayyoos dhiyaateera yaada laphee keessanii jijjiirradhaa wangeelatti amanaa jedhe. 16 Yesuus ciisa bishaan galiilaa cinaa odoo darbuu, Simoonii fi Indiriyaasiin obboleesa Simoon kiyyoo isaanii bishaanitti odoo darbatanuu arge: isaan qurxummii kiyyeesan turan. 17 Yesuus immoo,na faana koottaa! Anis nama kan walitti qabdanan isin godhadhaa isaaniin jedhe. 18 isaan achumaan kiyyoo isaanii achitti dhiisanii,isa faana deeman. 19 Yesuus xiqqoo adeemee Yaaqobii fi Yohaannisiin ilmaan Zabdiwoos,bidiruu isaanii keessa taa’anii kiyyoota isaanii odoo tottolfatanuu arge. 20 Inni achumaan isaan waame:Isaanis abbaa isaanii Zabdiwoosiin hojjatoota waliin bidiruu keessatti dhiisanii Yesuus faana deeman. 21 Yesuus ,bartoonni waammamanis ganda qifirnaahom deeman.inni immoo guyyaa sanbataatti mana kadhannaa seenee barsiise. 22 Lapheen warra isa dhagahaniis barsiisa isaatiin rukutame,Yesuus akkabarsiisota seeraatti osoo hin ta’in akka nama aangoo qabuutti isaan barsiisa ture. 23 namichi afuura hamaadhaan qabame tokko mana kadhannaa isaanii keessa tureeyyu,ogguma sana iyyee. 24 “Yaa yesuus nama naaziriit hojii keenya keessa maaltu si galchee amma nu balleessuu barbaaddee dhuftee? Ani enyu akka ati taate si beeka yaa qulqulluu ilma waaqayyoo” jedhe . 25 Yesuus garuu”” cal jedhi keessaa ba’is”jedhee afuuricha hamaa sana ifate. 26 afuurri hamaan sun nammicha qabatee ture sana wixxirfachiisee,sagalee guddaadhaan iyyee namicha keessaa ba’e. 27 isaan hundinuu na’anii,raajeffataniis maal wanti akkasii? Barsiisa haaraa aangoo of keessaa qabu! Inni afuurota hamootayyuu hin ajaja: isaanis isaaf ni ajajamu” jedhanii walitti dudubbatan. 28 oduun isaa yeruma tokkoon naannoo biyya galiilaa hundatti dhaga’ame. 29 Yesuus mana kadhannaatii akkuma ba’en, Yaaqoobii fi Yohaannis wajjin mana Simonii fi Indiriyaas deeme. 30 yeroo sana amaatiin Simoon dhukkuba qaama gubaadhaan qabamtee hin ciifti turte: achumaan jarri waa’ee ishii isatti himan. 31 Yesuus itti dhiyaatee harka ishii qabee ol ishii kaase,qaama gubaan sunis ishii dhiise,ishiin immoo isaan keessummeessite. 32 galgala sana erga aduun lixxee booda,warra dhukkubsatan, warra afuura hamaadhaan qabamanis hundumaa gara isaatti fidan. 33 namoonni ganda sanaa hundinuu karra duratti walitti qabaman. 34 Yesuus dhukkubsattoota baay’ee warra dhukkuba addaa addaatiin rakkachaa turan fayyisee, afuurota hamoota baay’ee baase: afuuronni hamoonni isa waan beekaniif inni waa’ee isaa dubbachuu isaan dhoowwe. 35 Yesuus barii barraaqaan ka’ee gadi bu’ee gara iddoo namni hin jirree deemee,achitti waaqayyoon kadhate. 36 Simoonii fi warri isa wajjin turan isa barbaacha deeman. 37 Yesuusiin argatanii,”hundumtuu si barbaadaa jiru” jedhaniin. 38 Yesuus garuu” ani lallabuuf waanaan ba’eef,achittis akkan lallabuuf koottaa gara gandoota nutti dhiyaatanii hin deemna “ isaaniin jedhe. 39 inni dhaqee manneen kadhannaa isaanii guutummaa naannoo biyya galiilaa keessa jiraniitti lallabee,afuurota hamootaas namoota keessaa baase 40 Namni qaamni isaa lamxaa’e tokko gara Yesuus dhufee jilbeeffatee,”fedha kee yoo ta’e na qulleessuu hin dandeessa” jedhee isa kadhate. 41 kanaaf Yesuus garaa laafeeffii hiixatee qabee,”fedheeraatii qulqullaa’i” jedheen. 42 achumaan namichi lamxii irraa fayyee qulqullaa’e. 43 yeruma sana Yesuus namicha cimsee of eeggachiise. 44 “beekadhu waan tokko illee namatti hin himin” garuu deemitii luba of laalchisi,fayyuun kee hundumattuu yaa mul’atuuf akka museen ajajettis qullaa.uu keetiif kennaa kee dhiyeessi!”jedheet namicha gaggeesse. 45 namichi achii erga ba,ee booddee waan bay’ee waa’ee ofii isaatii odeessuu jalqabee,dubbii kana biyyaan ga’e.kanaafis Yesuus lafa namni hin jirre bubbule malee iffatti gara gandaatti galuu hin dandeenye.namoonni iddoo adda addaatii isa bira hin dhufu turan.
Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesuus Kiristoos Isa Qulqullu Maarqoos Caafe 2
1 Guyyaa muraasa booddee yesuus deebi’ee qifirnaahomitti seene. Namoonni immoo akka inni mana jiru dhaga’an. 2 karra dura hamma iddoon dhaabatan rakkisutti namoonni baay’een walitti qabaman.yesuus immoo dubbii wangeelaa isaanitti hin hima ture. 3 yommuus namoonni tokko nama qaamni isaa gar tokko naafate afur ta’anii baatanii fidanii gara yesuus dhufan . 4 baayina namootaatiif yesuus bira gahuu dadhabnaan bantii manaa irraan diiganii sirrii yesuus tureen erga bananii siree namicha qaamni isaa gar tokko naafate gad buusan. 5 yesuus amantii namoota kanaa erga argee booda,namicha qaamni gar tokko naafateen ilma koo cubbuun kee siif dhiifameera jedhe. 6 barsiisonni seeraa warri achi taa’aa turan tokko garaa isaanii keesatti yaadaa turanii, 7 akkamitti namichi kun akkanatti dubbataa? Kun waaqayyon arrabsuu isaati. Waaqayyo malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu danda’aa? Jedhan. 8 yesuus achumaan garaa isaanii keessatti yaadaa akka jiran afuuraan hubatee, maaliif waan akkasii garaa keessan keessatti yaadduu? 9 kamtu salphaadhaa? Namicha qaamni isaa gar tokko naafate kanaan cubbuun kee siif dhiifameera jechuu moo ka’ii siree kee fudhuutii deemi jechuu? 10 garuu ilmi namaa lafarratti dhiiffamuu cubbuu kennuuf aangoo akka qabu beekaa isaaniin jedhe.namicha qaamni isaa gar tokko naafateen immoo, 11 siinaan jedha ka’ii siree kee fudhuutii mana keetti gali jedheen. 12 osoo isaan ilaalanuu namichi sun ka’ee siree isaa fudhatee gadi bahe.kanarratti hundumti isaanii rifatanii waan akkasii kana takkaa arginee hin beeknu jechaa waaqayyoof galata dhiyeessan. 13 Yesuus ammas gadi ba’ee iddoo qarqara bishaanii dhaqe.namoonni hundinuu isa bira dhaqnaan isaan barsiise. 14 inni osoo deemuu Leewwii ilma Alfewos iddoo qaraxaa osoo taa’uu argee na duukaa bu’I ittiin jedhe. Lewwichis faana deeme 15 warri Yesuus faana deemaan baayyee waan turaniif, Yesuus mana Leewwitti nyaataaf dhiyaatee qaraxxoonnii fi warri akka seerri ajajjutti hin jiraanne baay’atanii Yesuusii fi bartoota isaa waliin nyaataaf taa’an. 16 fariisota keessaa warri waa’ee seeraa barsiisaan,Yesuus warra qaraxxuu fi warra akka seerri jedhutti hin jiraanne waliin nyaachuu isaa yommuu argan, inni akkamitti warra qaraxxuu fi warra akka seerri jedhutti hin jiraanne wajjin nyaataa jedhanii bartoota isaa gaafatan. 17 Yesuus immoo kana dhageenyaan namoonni fayyaan ogeecha qorichaa hin barbaadan,dhukkubsattootatu barbaada malee.ani warra jireenya qajeelaa jiraatan waamuu hin dhufne,warra cubbamoota waamuufan dhufe malee isaaniin jedhe. 18 Namoonni tokko bartoonni Yohaannisii fi bartoonni fariisotaa maaliif soomuu? Bartoonni kee immoo maaliif hin soomnee? Jedhanii Yesuus gaafii gaafatan. 19 Yesuus immoo warri cidhaa missirroon osoo bira jiruu hin soomuu? Amma dhirsi missirroo bira jirutti soomuu hin danda’an. 20 guyyoonni dhirsi missirroo biraa fudhatamu ni dhufa.egaa guyyaa san hin soomu. 21 hoomtuu erbee haaraa uffata sirumaa miiccamee hin beeknetti hin hodhu.yoo itti hodhe garuu erbee haaraan uffata moofaa san hin tarsaasa.tarsa’aan isaa kan duraa irra caala. 22 akkasuma immoo daadhii wayinii haaraa qodaa moofaatti hin naqan,yoo itti naqan daadhichi qodicha hin dhoosa.daadhichis qodichis hin badu.daadhii wayinii haaraa qodaa cimaatti naqu isaaniin jedhe. 23 Gaafa guyyaa sanbataa tokko Yesuus maasaa qamadii keessa deemaa osoo darbuu bartoonni isaa asheeta ciratanii nyaatan. 24 warri fariisotaa tokko kana arganii agartee? Bartoonni kee guyyaa sanbataatti dhoowwaa waan ta’e maaliif godhuu? Jedhanii isa gaafatan. 25 Yesuus immoo isaaniin Daawit namoota isaa wajjin waan nyaatu yeroo dhabetti waan inni godhe hin dubbifnee? 26 inni bara Abiyaatar angafa lobootaa turetti nyaata waaqayyoof adda ba’e mana waaqayyootti galee fudhatee nyaatee,namoota isaafis late isaaniin jedhe. 27 Yesuus ammas sanbatatu namaaf uummame malee namoonni sanbataaf hin uummamne. 28 egaa ilmi namaa sanbatarrattuu gooftaadha isaaniin jedhe.
Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesuus Kiristoos Isa Qulqullu Maarqoos Caafe 3
1 yesus gara mana kadhannaa tokkootti ol seene;namichi harki isaa tokko naafate immo achi jira ture, 2 oggaa sana isa hammeessudhaf gaafa guyyaa sanbaatatti namicha kana fayyisa yoo ta’e jedhani isaan immo ni eeggatu turan . 3 yesuus immo namicha harki isaa naafate kanaan ka`ii gara jidduu namootaatti koottu dhaabadhu,jedheeni, 4 jaraanis seerri kenya guyyaa sanbataatti gaarii moo hamaa gochuu yookinis lubbuu oolchuu moo ajjeessu nu ajajaa?,jedhe.isaan garuu caluma jedhan 5 kana irratti aaree warra nannoo isaa jiran ilaalee,mata jabina isaanittis gaddee, namichaan harka kee diriirsi!’ jedhe.yeroo namichi harkasaa diriirse san harki isaa deebi’ee fayye. 6 yeruma sana warri fariisotaa gadi ba’anii warra garee Heroodis ta’an wajjin wal waamanii akkamitti akka isa balleessaan mari’atan. 7 yesuus bartoota isaa wajjin jara biraa deemee,gara bishaan ciisaa dhaqe. naannoo biyya galiilaa fi biyya yihudaatti namoonni baay’inaan isa faana dhaqan . 8 waan inni hojjate hundumaa warri dhaag`an,ganda yerusaalem ,biyyaa edomyaatti, biyya yoordaanos gamatti, nannoo ganda xiroosii fi sidoon bay’inaan gara isaa dhufan. 9 innis baay’inni namootaa sun dhiibuudhaan akka isa hin kuffisnetti bidiruun tokko qophaa`ee akka isa eeguuf barattoota isatti hime . 10 inni dhukkubsattoota baay’ee waan fayyiseef ,warri dhukkuba adda addaa qaban hundinuu isa harkaan qabuudhaaf, hamma isa irrattti wal cacccabasanitti ga`an. 11 afuuronni hamoonni namoota kessa jiran yeruma isa arganitti fuula isaa duratti kufanii, “ati dhuguma ilma waaqayyooti jedhanii iyyaa turan . 12 inni garuu akka isaan isa hin ibsinetti cimsee isaan ifate. 13 yesuus gara gaaratti ol ba’ee warra barbaades ofitti waamee;isaanis gara isaa dhufan. 14 isa waajjin akka turaniif wangeela lallabuufis akka isaan erguuf,namota kudha lama barattoota godhate;( warri inni ergamoota jedhee waame immoo isaan kana). 15 afuurota hamoota baasufiis aangoo akka isaan qabaatan godhe. 16 warri kudha lamaan inni bartoota isaa godhate keessaa Simoon isa inni Pheexiroos jedhee moggaaseef, 17 Yaaqoob fi Yohaannis ilmaan Zabdiwoos warra inni ‘’bo’anerges’’ jedhee moggaase,kunis ilmaan qaqqawwee jechuudha. 18 Indiriyaas,Filiiphoos,Bortolomiwoos,Maatiwoos,Toomaas, Yaaqoob ilma Alfiwos,Taadiwoos, Simoon isa inaafticha jedhamee beekkamu. 19 akkasumas Yihudaa nama biyya isa Yesuusiin dabarsee kenne. 20 Yesuus gara manaatti yeroo gale hamma innii fi bartoonni isaa biddeen illee nyaachuu dadhabanitti namoonni baay’een walitti dacha’an. 21 firoonni isaa immoo kana dhaga’anii,’’ innoo qalbii dhabe jedhanii isa qabuu dhufan.’’ 22 Barsiisonni seeraa warri yerusaalemii dhufan immoo ‘’ Beelzebul ‘’ isa keessa jira; humana angafa seexanootaa kanaanis afuurota hamoota hin baasa’’ jedhanii yesuus irratti dubbatan. 23 kana irratti inni gara isaatti isaan waamee fakkeenyaan,’’ akkamitti seexanni seexana baasuu danda’aa?’’ 24 Mootummaan tokko ofii isaatii yoo gar gar ba’e,mootummaan sun danda’ee hin dhaabatu. 25 maatiin mana tokkoos yoo wal irraa gar gar ba’e manni sun dhaabachuu hin danda’u. 26 seexannis ofii isaatii yoo wal irratti ka’ee gar gar ba’e baduu isaati malee dhaabachuu hin danda’u. 27 duraan duursee namicha jabaa sana yoo hidhate malee hoomtuu mana isaa cabsee seenee mi’a isaa saamuu hin danda’u,erga hidhatee booddee garuu mana isaa saamuu hin danda’a. 28 ani dhuguman isinitti hima,cubbuun hundinuu arrabsoon kamillee afaan namaa keessaa yoo ba’e,ilmaan namootaaf hin dhiifama. 29 eenyullee afuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu cubbuu bara baraatiin yakkamaa ta’a malee bara baraan dhiifani hin godhamuuf isaaniin jedhe. 30 dubbii kanas namoonni inni afuura hamaa of keessaa qaba waan jedhanii dubbate. 31 kana booddee haati Yesuusii fi obbolaan isaa dhufanii ala dhaabbatanii nama itti erganii isa waamsisanii turan. 32 oggaa sana baay’inaan namoonni isatti marsanii hin taa’u turan. Isaanis ‘’kunoo haati keefi obboleewwan kee alaa si waamaa jiru jedhanii itti himan. 33 inni garuu ‘’haati koo,obboleewwan koos eenyu faadha?’’ isaaniin jedhe 34 gara warra isatti marsanii taa’anii ilaalee haati koo obboleewwan koos warra as jiran kana jedheen. 35 Jaalala waaqayyoo kan raawwatu hundumtuu obboleessa,obboleettii ,haadha kootis jedhe.
Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesuus Kiristoos Isa Qulqullu Maarqoos Caafe 4
1 Yesuus ciisa bishaanichaa cinaatti ammas barsiisuu jalqabe.baay’inni namoota bakka sanitti walitti qabamanii immoo baay’ee waan ta’eef Yesuus bidiruu tokko yaabbatee walakkaa bishaanichaatti hiiksatee barsiisuuf taa’e.yeroo kana namoonni baay’een sun hundumtuu bishaan ciisaa sana cinaa turan. 2 Yesuus barsiisa isaa keessatti fakkeenya adda addaatiin waan baay’ee isaan barsiise. 3 ‘’dhaggeeffadhaa namichi tokko sanyii facaasuuf ba’e 4 inni odoo facaasuu kaan isaanii karaa cinaa bu’an,sinbirroonni dhufanii sanyii san guuranii nyaatan. 5 kaan isaanii immoo lafa dhagaa biyyee baay’ee hin qabne irra bu’an,lafti isaan irra bu’an biyyee gadi fagoo waan hin qabneef dafanii biqilan. 6 garuu oggaa aduun itti baatetti hidda gadi fagoo waan hin godhatiniif dafanii xollogan. 7 kaan isaanii immoo lafa qoree qabu keessa bu’an,qoreewwan sunis guddatanii isaan hudhan, isaanis sanyii hin godhanne. 8 kaan garuu biyyoo gabbataa keessa bu’an; biqilanii,guddattaniis sanyii gaarii buusan.snyiin isaanii immoo kaan harka soddoma,kaan harka jaatama,kaan isaanii immoo harka dhibba buusan’’. 9 kanarratti dabalees’’ gurra ittiin dhaggeeffatu kan qabu yaa dhaggeeffatu’’ isaaniin jedhe. 10 yeroo Yesuus qophaa ta’etti namoonni isa bira turan barattoota isaa kudha lamaan wajjin waa’ee fakkeenya kanaa isa gaafatan. 11 Yesuus immoo deebisee,’’waa’een mootummaa waaqayyoo inni dhokataa siniif ibsameera;warra hin amanneef garuu hundumtuu fakkeenyaan ta’a. 12 odoo ilaalanuu akka hin argineef,odoo dhaga’aniis akka hin hubanneef,gara waaqayyootti akka hin deebineef ,cubbuun isaaniis akka isaaniif hin dhiifamneef fakkeenyaan isaanitti hin himama.’’ isaaniin jedhe. 13 Yesuus itti fufee,’’fakkeenyi kun isiniif hin galuu? Akkas erga ta’ee akkamiin fakkeenya kan ta’e hundumaa hubatturee? Isaaniin jedhee ibsuufii jalqabe. 14 Inni facaasu sanyii dubbii sagalee waaqayyoo facaasa. 15 karaa cinaa jechuun fakkeenya ogguma dubbiin waaqayyoo dubbatamu oggasuma seexanni dhufee dubbii waaqayyoo isa laphee isaanii keessatti facaafame keessaa fudhatuuti. 16 lafti dhagaas fakkeenya warra dubbichi laphee isaanii keessatti facaafamee oggaa isa dhaga’an gammachuudhaan fudhataniiti. 17 isaan akka biqiltuu hidda gadi fagoo hin qabneeti,yeroo muraasaaf dhaabatu;oggaa sababii dubbichaatiif ari’atamuun yookiin rakkinni itti dhufu duubatti deebi’aniiti. 18 lafti qoree immoo,fakkeenya warra dubbicha isa garaa isaanii keessatti facaafame dhaga’aniiti. 19 haa ta’u malee dhiphinni biyya lafaa,gowwoomsaan,badhaadhummaa,hawwiin adda addaas gara isaatti deebi’anii,dubbicha huunaan sanyii odoo hin godhatin hafe. 20 lafti gaariin garuu fakkeenya dubbicha isa laphee isaanii keessatti facaafame dhaga’anii,fudhatanii,kaan isaanii harka soddoma,kaan isaanii harka jaatama,kaan isaanii immoo harka dhibba sanyii buusaniiti’’isaaniin jedhe. 21 Ammas Yesuus, ‘’ Ibsaan qabsiifamee baattuu isaa jala yookiin siree jala hin kaa’amaaree? Qabsiifamee baattuu isaa irra kaa’ama mitiiree? 22 kan dhokfame yoo jiraate mul’achuuf dhokfame;dhoksaatti kan tures yoo jiraate fuulleetti ba’uuf ture. 23 egaa namni gurra ittiin dha’au yoo qabaate haa dhaga’u’’ isaaniin jedhe. 24 yemmuus Yesuus isa dhageessaan qalbeeffadhaa ,waan ittiin namaaf kennitaniin isiniif kennama, isa irra kan caaluus isiniif kennama. 25 isa fudhatee qabuuf, hin dabalamaaf kennaa isaa fudhatee of harkaa kan hin qabne garuu kan inni qabuuyyuu harkaa fudhatama’’ isaaniin jedhe. 26 Yesuus itti dabalee,’’mootummaan waaqayyoo akka nama lafa maasaa isaa irra sanyii facaaseeti. 27 namichi galee halkan hin rafa guyyaas hin ka’a; sanyichi immoo odoo inni hin beekiin biqilee guddata. 28 lafichi ofuma isaatiin duraan duursee hin biqila, humnas hin godhata isa booda hin hudha,sanyii guutuus hin argamsiisa. 29 midhaanichi facaafame sun erga ga’ee booda yeroon haamaa waan ga’eef namoota haaman itti hin erga jedhe. 30 Yesuus mootummaa waaqayyoo maalitti fakkeessinuu? Yookiin isaaf fakkeenya maalii kenninuu? Jedhee 31 inni akka sanyii sanaafichaat.,oggaa lafarra facaafamu biqila lafaa irra hin xinnaata, 32 inni oggaa facaafamu biqilee guddata,biqilaa hundumaa irra kan caalu ta’ee damee gurguddaa hin baafata.sinbirroonni immoo dhufanii gaaddisa damee isaa jalatti man’ee isaanii ijaarratu jedhe. 33 yesuus fakkeenyota baay’ee kana fakkaataniin hamma isaan dhaggeeffachuu danda’anitti dubbicha isaanitti hime. 34 inni fakkeenyaan malee isaanitti hin dubbanne,kophaa isaanitti immoo waan hundumaa bartoota warra kan isaa ta,aniif ibse. 35 Yesuus galgala gaafasii koottaa bishaan ciisaa kanaan gamatti hin ceenaa bartoota isaatiin jedhe. 36 bartoonni isaa immoo namoota isaan bira turan gaggeessanii .akkuma inni bidiruu keessa turetti Yesuusiin fudhatanii deeman,bidiroonni biraas isaan wajjin deemaan. 37 yeroo san bubbeen cimaan bubbisaa dhufe,sochiin bishaanichaa immoo bidirichatti bu’ee bishaanis bidiruutti seenuu jalqabe. 38 Yesuus yeroo kana bidiruu keessaan karaa duubatii mataa isaa jalatti waa boraafatee hin rafa ture.barattoonni isaa immoo hirriibaa isa kaasanii barsiisaa baduun keenya kun si hin dhibuu’ii? Jedhan. 39 Yesuus hirriibaa ka’ee bubbee san ifatee sochii bishaanichaan immoo cal jedhi jedheen,kana booddee bubbichi bubbisuu dhaabnaan tasgabbii guddaan ta’e. 40 kana booddee immoo bartoota isaatiin isin maaliif sodaatoo taatanii? Isin ammayyuu amantii hin qabdanii isaaniin jedhe. 41 isaan immoo baay’ee sodaatanii namichi kun eenyuu? bubbee fi bishaan hin ajaja isaanis immoo isaaf hin ajajamu waliin jedhan.
Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesuus Kiristoos Isa Qulqullu Maarqoos Caafe 5
1 Yesuus bubbee cimaa sanaa fi bishaan erga ajajee booddee,bartoota isaa wajjin gara bishaan ciisaa biyya gargessaa dhufan. 2 Akkuma yessuus bidiricha irraa bu’een ,namni afuurri hamaan keessa ture tokko , iddoo awwalaa keessaa ba’ee isatti dhufe. 3 Namichi kun awwaala jidduu jiraate. Enyumtuu hidhaa sibiilaatiin illee isa hidhuu hin dandeenye. 4 Inni yeroo baay’ee funyoo sibiilaatii fi hidhaa harkaatiin hidhameera. Garuu funyoo sibiilaa ofiraa hin kukkuta.Hidhaa harkaa isaa irraa jirus hin kukkuta ture.Kanaaf namni tokko illee gadi isa qabuu hin dandeenye. 5 Namichi kun yeroo hundumaa halkaniifi guyyaa awwaalota jidduutti, tulloota irrattis argamee hin iyya, dhagaadhaanis of hin rukuta ture. 6 Inni fagootti yesuusiin argee , gara isaatti fiigee jilbeeffatee yesuusiin kadhate. 7 Iyyaas sagalee guddaadhaan,”yaa yesuus ilma waaqayyo abbaa , maal narraa qabdaa?Maaltu hojii koo keessa si galchee? Adaraa Waaqayyoo ana hin dhiphisin!’’jedhe. 8 Yesuus ,”maqaan kee eenyuu?’’jedhee gaafanaan,hafuurichi immoo ,”maqaan koo duula, nuti bay,eedha”jedhee deebiseef 9 Yesuus immoo “Ati afuura hamaa nana , namicha kana keessaa ba’i!’’jedheen. 10 Achumaanis afuuronni hamoonni baay’een sun biyyaa keessaa akka isaan hin baafneef,cimsee yesuusiin kadhate. 11 Dirree gaaraa tokkoo irratti Booyyeen baay’een bobba’anii turan. 12 Hafuuronni hamoonni sun immoo ‘’Booyyee sanatti akka seennuuf itti nu ergi jedhanii Yesuusiin kadhatan. 13 achumaan inni itti haa seenaniif isaaniif heeyyame.Hafuuronni hamoonni namicha keessaa ba’an booyyota sanatti galan.Baay’inni Booyyotaa kuma lamatti lakka’aman sun hallayyaa irraan gara bishaan ciisaatti gad nam’anii dhuman. 14 Achuman warri booyyee eegan baqatanii,waan ta’ame kana warra ganda keessaa fi warra biyyaattis odeessan. Namoonni immoo waan ta’ame kana ilaaluudhaaf dhufan. 15 Yesuus bira ga’anii, namicha isa duula afuura hamaadhaan qabamee ture sana wayyaa uffatee,sammuu isaattis deebi’ee argan; hundumti isaanis hin sodaatan. 16 duraan achi turanii,waan namicha afuurri hamaan keessa ture sanaaf ta’e fi booyyeen baay’ee sun maal akka ta’an warri argan,jara dhufanitti himan. 17 Achumaan jarri, Yesuus naannoo biyya isaanii keessaa akka adeemu kadhatan. 18 Yesuus iddoo sanaa deemuudhaaf bidiruu yaabbannaan, namichi hafuura hamaadhaan qabamee fayye sun,’’si wajjiniinan deema”jedhee isa kadhate. 19 Yesuus garuu, “Gara maatii kee fi lammii keetii dhaqiitii wanta gooftaan siif godhe hundumaa, akkamittis akka fayyite isaanitti himi!”isaan jedhe malee tole hin jenneen. 20 Namichi achii deemee gandoota kurnanuu keessa naanna’ee waan Yesuus isaaf godhe namoota hundumaati hime;namoonni hundinuus hin raajeffatan. 21 Yesuus namicha hafuura hamaadhaan qabame fayyisee bidiruudhaan deebi’ee ciisaa bishaanichaa yeroo ce’etti, namoonni baay’een isa biratti walitti qabaman.Inni immoo cinaa bishaanichaa bira ture. 22 Oggas warra geggeesituu mana kadhannaa keessaa tokko,maqaan isaas yaayiroos kan jedhamu dhufee Yesuusiin argee,miilla isaa jalatti kufee, 23 ”Mucaan koo dhukkubsattee du’uudhaaf jirti.akka ishiin fayyitee naaf jiraattuuf maaloo koottutii harka kee ishii irra naaf kaa’I jedhee” cimsee isa kadhate. 24 Kanaaf Yesuus yaayiroos wajjin hin adeeme;Namoonni baay’eenis isa dhiisanii Yesuus duukaa bu’u turan. 25 Dubartii waggaa kudha lamaaf dhiigni ishii irraa dhaabachuu diduudhaan rakkattu tokko immoo jirti turte, 26 Ishiin ogeessota qarichaa biratti Baay’ee deddeebitee,qabeenya qabdu hundumaas kanarratti fixxe;haata’u malee qooda itti wayyaa’uu ittuma hammaachaa deeme. 27 Ishiin waa’ee Yesuus yeroo dhageesse,”Uffatuma Yesuus yoon tuqe nan fayya”jette garaa ishiitti amante. 28 namoota sana gidduudhaanis hiixattee dugda isaa duubaan dhuftee uffata isaa tuqxe. 29 Achumaan dhangala’uun dhiiga ishii irraa hin dhaabate ,ishiinis dhukkuba ishiitirraa akka fayyite itti dhga’ame. 30 Yesuus ogguma sana humni fayyisuu isa keessaa akka ba’e beekee namoota jidduudhaa ofirra garagalee”Enyutu uffatakoo tuqee ?” jedhee gaafate. 31 Bartoonni isaa immoo! ‘’akka namoonni si dhiibaa jiran odum argituu, ‘’enyutu na xuqe jettee gaafattaa?’’ jedhaniin. 32 Yesuus garuu ammayyuu nama isa xuqe argachuuf nannoo isaa ilaale. 33 kanarratti dubartittiin waan ishiidhaaf godhame hubattee,sodaachaa,hurgufamaa dhuftee miila yesuus jalatti kufte;dhugaa ishii jiru hundumaa isatti himte. 34 Yesuus immoo, ‘’Yaa intala koo,amantiin kee si fayyisee jira nagaadhaan deemi,dhukkuba kee irraas kan fayyite ta’i! isheedhaan jedhe. 35 odoo Yesuus kana dubbachaa jiruu namoonni mana Yaayiroos gaggeessituu mana kadhannaa sanaa,dhufanii ‘’intalli kee duutee jirti,kanaafuu barsiisaa hin dhamaasiin’’ jedhaniin. 36 Yesuus garuu,jecha namoonni namicha kaan jedhan odoo hin fudhatin,gaggeessituu mana kadhannaa sanaan, ‘’hin sodaatiin amani malee!’’jedhe 37 Yesuus ogguma sana Pheexiroos,Yaaqoob fi Yohaannis obboleessa Yaaqob malee,namni biraa isa wajjin mana namichaa aka dhaqan hin barbanne. 38 gara mana gaggeessituu sanaa oggaa dhufan,Yesuus sagalee namoota baay’ee dhaga’ee warra boo’anis arge. 39 inni mana isaanitti ol seene ‘’ maaliif akkanatti waccanii boossuu? Intalattiin rafaa jirti malee hin duune’’ isaaniin jedhe. 40 kanarratti isaanis itti kolfan,inni immoo hunduma isaanii gara alaatti gadi baasee abbaa intalaa fi haadha ishee warra isa wajjin dhaqanis fudhatee bakka reeffi intalattii jirutti ol seene. 41 harka ishiis qabee, ‘’Xallitaa quumii!’’ jedheen;kana jechuun ‘’ intaloo! siinan jedha,ka’i!’’ jechuutti hiikama. 42 oggasuma intlattiin kaatee asii fi achi adeemte.ishiinis intala waggaa kudha lamaa turte.oggas isaan baay’ee gammadanii of wallalaan. 43 Yesuus immoo waan ta’e kana namni tokkollee akka hin dhageenye cimsee isaan ajaje, ‘’waan nyaatamu isheedhaaf kennaa!’’ jedhee isaanitti hime
Wangeela Gooftaa Keenyaa Yesuus Kiristoos Isa Qulqullu Maarqoos Caafe 6
1 Yesuus mana Yaayiroosii erga deemee gara ganda itti dhalatee dhaqe,bartoonni isaas isa wajjin dhaqan. 2 Guyyaa sanbataas mana kadhannaatti barsiisuu jalqabe.Namoonnis barsiisa isaa dhaga’ani baay’ee raajeffatanii,dubbiin kun hundumtuu eessaa dhufeefii? Oggummaa akkamiitu isaaf kennamee? Hojii aangoo akkamiitu harka isaatiin hojjatamaa? 3 Inni ilma Maaraam hojjataa mukaa sanii mitii? Obboleessa Yaaqoob,Yooseef,Yihudaa fi Simoon mitii? Obboleettonni isaa as bira jiru mitii? Jedhanii isa shakkan. 4 Yesuus immoo ‘’ raajiin bakka biraatti malee biyya isaatti,fira isaa jidduutti,mana isaattis ulfina hin argatu’’ isaaniin jedhe. 5 Kanaaf harka isaa dhukkubsattoota muraasa irra kaa’ee isaan fayyise malee hojii aangoo kanarra caalu hojjachuu hin dandeenye. 6 Amantii dhabuu isaaniitiif garuu baay’ee raajeffate,sanaan booda inni barsiisaa gandoota san jidduu deddeebi’e. 7 Achumaan Yesuus warra kudha lamaan ofitti waamee afuura hamootaa irratti aangoo isaaniif kennee,lama lamaan isaan erge. 8 Karaadhaaf immoo Uiee,Biddeen,Galaa waan tokkollee akka hin fudhanne,Qarshiis akka hin baanne isaan ajaje. 9 Kophee akka kaa’atan,uffata lama wal irraan akka hin uffanne isaanitti hime. 10 Akkasumas ‘’bakka tokkoo hamma deemtanitti manuma itti seentaan keessa turaa; 11 Akkasumas bakka tokkotti yoo isin simachuu baatan,yoo sin dhaga’uu didanis akka raga isaanitti ba’uuf oggaa achii deemtaan awwaara ganda sanii miila keessan irraa dhadha’adhaa’’ isaaniin jedhe. 12 Achumaan warri kudha lamaan deemanii,namoonni yaada laphee isaanii akka jijjiirratan lallaban. 13 Isaanis afuura hamootaa baay’ee baasanii,warra dhukkubsachaa turanis dibata dibanii, isaan fayyisan. 14 Maqaan Yesuus bakka, baay’eetti beekamee waan tureef,Heroodis mootichis waa’ee isaa dhaga’e.kaan, ‘’ Yohaannis cuuphaatu du’aa ka’e,kanaaf humni gurguddaan isaan hojjatamaa’’ jira jedhan. 15 Warri kaan ,inni Eliyaas jedhan,kuun’’ immoo Raajuma akka Raajota durii keessa tokko’’ jedhan. 16 Heroodis waa’ee isaa oggaa dhaga’etti garuu, ‘’Yohaanis isa ani mataa isaa mursiisetu du’aa ka’e’’ jedhe 17 Heroodoos waa’ee Heroodiyaas haadha manaa obboleessa isaa Filiiphoosiif jedhee,nama itti ergee Yohaannisiin qabsiisee hiisisee ture; Heroodiis ishii fuudhee ture. 18 Yohaannis immoo Heroodoosiin,’Haadha manaa obboleessa keetii jalaa fudhachuun kee seera miti’’jedheen. 19 Heroodiyaas karaa ittiin qabattee, isa ajjeesistu hin barbaaddi turte,garuu hin dandeenye. 20 Heroodoos,Yohaannis nama qajeelaa fi qulqulluu ta’uu isaa beekee isa hin soodaata waan ta’eef isa hin eegsisa ture.Oggaa dubbii isaa dhaga’e illee waan godhu wallaale; oduma ta’uuyyuu gammachuudhaan isa dhaggeeffate. 21 Guyyaa itti Heroodiis yaadannoo dhalachuu isaatiif jedhee namoota gurguddoota biyya isaa fi angafoota warra loltuutiif,Biyya galiilaa keessattii namoota beekamaniif waamicha godhe irratti, Heroodiyaas karaa gaarii argatte. 22 Intalli Heroodiyaas gara manaatti ol seentee Heroodiisii fi keessummoota isaa gammachiiste.Mootichi achumaan Intalattiidhaan, ‘’ waan barbaadde na kadhadhu siifaan kenna’’ jedhe. 23 Ammas ‘’hamma walakkaa mootummaa kootitti waanuma ati na kadhatte siifan kena’’jedhee kakateef. 24 kanarratti Intalattiin deemtee ‘’maal kadhadhu?’’ jettee haadha ishii gaafatte; haati immoo ‘’mataa Yohaannos cuuphaa kadhadhu’’ jetteen. 25 Achumaan intalattiin gara Mootiitti deebitee ‘’ akka daftee mataa Yohaannis cuuphaa gabateetti naa kennitun barbaada’’jetteen. 26 Kanarratti mootichi akka malee gadde,garuu sababa kakatee fi keessumoota isaatiif jedhee waan dubbate san geeddaruu hin barbaanne. 27 Achumaan mootichi warra isa eegaan keessaa loltuu tokko ergee,mataa Yohaannis cuuphaa akka fidu ajaje;Loltuun sun dhaqee mana hidhaa keessatti mataa Yohaannis irraa kutee , 28 Mataa isa san gabateetti fidee intalattiidhaaf kenne,IIntalattiin immoo maticha haadha ishiitiif kennite. 29 Bartoonni Yohaannis kana dhageenyaan dhaqanii reeffa isaa fuudhanii awwaalaan. 30 Ergamoonni ergasii Yesuus biratti wal ga’anii waan hojjatanii fi barsiisaan hundumaa isatti himan. 31 Inni immoo isin qofti ana wajjin kophaatti ba’aa,takka boqodhaa isaaniin jedhe.Namoonni baay’een hin dhufus hin deemuus waan ta’eef nyaatallee karaa nyaataan hin qaban. 32 Achumaan isaan kophaa isaanii gara iddoo tokkoo dhaqan. 33 Namoonni baay’een warri mandara hundumaa keessaa dhufan akka isaan deemaan arginaan miila isaaniin fiiganii. 34